2 Chronicles 10:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Biyyiti aka hayyuuni worra ch'aqasu dide argite jennaani waan jette, Nu Daudi maani ira qamna? Ilmi Yese maani nuu baha? Worra Israeli, kaa, nu galcha! Rehoboamuni ha qofa hafuti. Duuba akanaani worri Israeli Rehoboamuti garagale,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin Israa'elii akka mootichi Roobi'aam gaafii isaanii hin fudhanne haga argan «Nu Daawitiin biraa gayee maal qabna? Ilma Isseyii woliin tokkummaa maal qabna? Banii Israa'elii! gara mana keetii deemi; Daawiti! atillee mana kee eegi!» jedhanii deebisaniif; kanaaf baniin Israa'elii gara mana ufii deebi'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi akka isaaniif dhage'uu dide Israa'elooti yennaa dhaggane, «Nuuti Daawiti woliin qooda maan qanna? Maatii abbaa isaa Iseyii biraa dhaala maan qanna? Ee Israa'el gara dunkaanii teessanii deebi'a'a! Ee sanyii Daawitii mana keetiif yaad» jedhanee, mootichaaf deebii kennane. Maarre isaan marti gara dunkaanii ifii deebi'ane.