2 Chronicles 10:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyu Rehoboamuni Adoniramu ka worra huji irreeni hojachiisaniti mataa, worra Israeliti erge, ammo worri d'akhaani d'aane ijeese. Jennaani Rehoboamuni arifate gaari ufi yaabate Yerusalemuti baqate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa mootichi Roobi'aam Adooniraamii hujii hunnaa nama hojjachiisu gara banii Israa'elii akka dhaqu erge; isaan garuu dhaga'aan dhayanii isa ajjeesan; hennaa san Roobi'aam daddafee gaarii fardaa keessa seenee gara Yerusaalemii dheesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu Adoraam gara Israa'elootaa erge; isaan ammoo dhaka'aan tumanee isa ijjeesane. Rehobiyaamiin mootichi ammoo ariiti'iin garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara Yerusaalemii duraa baqate.