2 Chronicles 11:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Rehoboamuni Yerusalemu gahe jennaani, askarti jajanna nama filani ch'alla, ta gosa Yudatifi ta gosa Benjamini, nama kuma d'ibba tokotifi saddeetama, wolti yaame worra Israeli had'e, aka sila mootuma ufi deefatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Roobi'aam hennaa gara Yerusaalemii dhaqe loltoota jajjabaa kuma dhibba tokkoo fi saddeettamaa ka biyya Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamii keessaa yaa'an hulee tokkotti wolitti qabe; sababaan inni waan kana godheef banii Israa'eliitiin lolee isaan mooyatee bulchiinsa ufii jala isaan godhu'uuf waan karoorfateef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Rehobiyaam gara Yerusaalemii yennaa dhufe, Israa'eloota lolanee gara mootummaa isaa akka deebisanuuf, gosa Yihuda'aatii fi gosa Beniyaaminii keessaa loltoota beekkamane kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama wolitti qabate.