2 Chronicles 11:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Rehoboamuni mala dansa d'aate, ilmaani isaa dira jajaba lafa Yudatifi ta Benjaminiti qubsise waan guddo kenneefi nad'eenile heddu fuusise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Roobi'aam ogumma'aan ijoollee ufii akka isaan bulchoota ta'an isaan taasisee qachoota biyya Yihuuda'aatii fi qachoota biyya Biiniyaamii maraa irratti isaan muude; waan isaan barbaadan maraa akka argatan godhe; haawwota manaa baay'ee isaanitti fuudhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Rehobiyaam qarummaa ifiitiin ilmaan ifii garii kutaa biyya Yihuda'aa, taan kutaa biyya Beniyaaminii keessaa fi qachaa dalleya dhaka'aatiin ijaarame keessa babadhatanee akka le'anu godhe; inni sagalee bacaa isaaniif kennee, niitolee hedduulle isaan fuusise.