2 Chronicles 12:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akanaani Rehoboamuni Yerusalemu keesa jabaate lafa mohate. Gaafa inni hayyu tahe, ganni isaa afurtami toko. Ammalle inni ganna kud'ani torba dira Yerusalemu, ka AABBO Waaqi lafa Israeli ch'ufa keesaa fohate fulla isa iti kad'atani tolche, keesa lafa mohate. Haad'a isaa maqaani Naama, isiini gosa Amoniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Roobi'aam qachaa Yerusaalemii ta akka maqaan isaa itti waamamuuf biyya Israa'elii maraa keessaa Rabbi filate keessa jiraata'aa woggaa kudha torba bulche; bara ufii bulche mootummaa ufii hin jabeesse; inni hennaa mooyu nama woggaa afurtamii tokkooti; haati Roobi'aamii Naa'imaan nama biyya Amoonii keessatti dhalatte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Rehobiyaam Yerusaalem keessa mootii jabaa ifi tolfate. Inni yennaa mootii te'e nama woggaa afurtamii tokkoo ti; inni Yerusaalem keessatti woggaa kudhanii torba mootii te'e. Yerusaalem qachoota Mootiin Waan Maraa qachoota lafa gosoota Israa'elii mara keessaa addee inni akka itti waaqonfamuuf filate. Maqaan haadha Rehobiyaamii Na'aama'a; isiin intala nama biyya Amoonii ti.