2 Chronicles 12:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Raagi Shemaini gara Rehoboamutifi jaarole Yuda ta Shishaki baqate Yerusalemuti wolti baate, d'aqe waan jed'eeni, AABBO Waaqi waan jed'u, Waan isani qara na lakiftanifi, anini amma harka Shishakiti isani lakisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Raattichi Shamaayaan gara abboota murti'ii ka biyya Yihuuda'aatii fi worra mooticha Roobi'aamii fi Shiishaaqiin jalaa dheessanii gara Yerusaalemii dhaqanitti dhufee, «Rabbi akkana isiniin jedha ‹Isin na dhiifnaan anillee Shiishaaqiin jalatti isin dhiise› isiniin jedha» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Shemaa'iyaan raagichi gara Rehobiyaamiitii fi gara sooreyyii biyya Yihuda'aa worra Shiishaaq duraa baqatee Yerusaalemitti wolitti qabameeruu dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin waan na lakkittaneef, anille harka Shiishaaqiititti isin lakkiseera› jedha» jedheen.