2 Chronicles 13:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Diiramafi galgala ch'ufa worri hit'aana aarse, hori gube, sorio baasa. Worri qit'a Waaqaa baasani mesa qulqullo irati baase, galgala ch'ufale ifse waan ifseeni ira ejitu, ta worqiini mid'aasani, irati bobeesa. Nu fed'i isaa gula yaane, ammo isani ya isa lakiftani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ganamaa fi galgala ciincaa Rabbii ciincawuu fi hixaana urgaawu aarsan; xoroshoo woyyoome gabatee qulqulluu irratti baattuu ibsa'aa ka worqii irraa hojjatamee fi ka waan ibsan irra kaayanillee halkan halkan akka ibsuuf qopheessan; nullee ajaja Rabbii Waaqa keennaa hin eenna; isin garuu isa dhiiftan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ganamaa fi galgala kennansa gubamuu fi hixaana fooleen isaa uddowu Mootii Waan Maraatiif dhikeessan; daabboo Waaqaaf kennantu xarapheessaa akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e san irra keyan; galgala galgalalle issaa waan issaa irra keyamu ka worqii irraa hujame irra jirulle hin qassiisan. Nuuti ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa keennaa hin eeganna; isin ammoo isa lakkittaneertan.