2 Chronicles 13:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Yuda ufi d'aatu millate jennaani, aka marsani ufi arge. Duuba qarqaarsa AABBO Waaqati bohani, qaaloleeni worraleeni magalata d'oofte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin Yihuuda'aa uf irra gara galanii duraa fi duubaan akka marfaman haga argan akka isaan gargaaruuf gara Rabbii iyyan; worri gadootaallee xurumbaa afuufan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Yihuda'aa garagalee adaala ifii yennaa ilaalanu, duraa fi duubaan akka marfamaneeranu dhaggane. Achiin duuba akka isaan qarqaaruuf gara Mootii Waan Maraa iyyane. Hayyooti tultullaa afuufane.