2 Chronicles 13:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma tana isani irree AABBO Waaqi ilmaani Dauditi kenneeni morku feetani. Isani duula muumme inqamneefi koromi worqi, Waaqa Yeroboamuni isanii mid'aase, qabdani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin amma baallii Rabbi fiixaa Daawitiitii kenne uggitanii mootummaa isaa dhiibu'uuf karoorfattaniirtan; karoorri keessan kun akka isinii raawwatu loltoota baay'ee duulchiftaniirtan; waaqa tolfamaa keessan ka fakii waati'ii ka Iyyoorbi'aam worqi'iin hojjachiisellee qabattanii dhuftaniirtan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin amma mootummaa Mootii Waan Maraa ta harka sanyii Daawitii keessa jirtuun mormiisaaf baatane; dhuguma isin bindilla'a; fakkii waaqota dharaa jabbilee worqi'ii ta Yerobi'aamiin mootichi isiniif hujisiiselle ifi biraa qaddan.