2 Chronicles 14:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Asani AABBO, Waaqa isa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, atini dandeete jabaafi laafale qarqaarta, amma nu qarqari, ee AABBO Waaqa keenna, nu si abdanne, maqa kanketini duula muumme inqamne kana had'u d'ufne. Ee AABBO, atini Waaqa keenna; nami si dabsatu tokoleeni injiru jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Aasaan «Yaa Rabbi! ati loltoota jajjaba'aa fi loltoota dadhabaallee gargaaruu dandeetta; Rabbi Waaqa keenna! Nu waan si hedanneef loltoota baay'ee kanaan lolu'uuf dhufneerraa yabo'oo nu gargaari; Rabbi Waaqa keenna! Ati Waaqa keenna waan taateef ka si mooyachuu danda'u hin jiru.» jedhee Rabbii Waaqa ufii kadhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Aasaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii waammatee, «Ee Mootii Waan Maraa, ka akka keeti worra dadhabaa qarqaaree, worra hunnaameyyii jalaa baasuu dande'u hin jiru. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, nuuti si addannee maqaa keetiin loltoota bindillaa tana loliisaaf baaneerraa, ati nu qarqaar. Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa keenna; nami tokkolle si hin injifatin» jedhe.