2 Chronicles 14:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan worra Yudatini jed'e, Koota, dira keenna jabeesine naabofi doofifi balbala naqatooni ch'ufani jaara. Waan nu fed'i AABBO Waaqa gula yaanefi lafti teennuma, Waaqi yayu gama ch'ufa nu tisse nu qorqorate. Akanaani worri dira suni jaare, keesati hore deebane.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni banii biyya Yihuuda'aa maraanuu, «Qachoota kanniin haa ijaarruu, dallawa dhaga'aatii fi balbala loosaallee itti haa ijaarruu, nu Rabbii Waaqa keenna waan waaqeffanneef lafti waan nu barbaanneef numa afoo jirti; Rabbillee naannoo keenna nagaya godheeraa» jedhe; isaanillee hojjatanii fixan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni namoota Yihuda'aatiin, «Biyyi tun harka keenna jala waan jirtuuf, kowa'a, qachoota kana ijaarree, dalleya xelleephoo qabu itti naannessinee, karra itti baafannee, danqaraa itti goona. Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan barbaanneef, inni karaa maraan foora nuu kenneera» jedhe. Maarre isaan ijaarane; isaaniif milkootte.