2 Chronicles 15:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
duuba inni kae gara Asa d'aqe waan jed'eeni, Asafi worra Yudatifi ka Benjamini, na ch'aqasa. AABBO Waaqi isani woliini jira, yo isani isa woliini jiraattani. Yo isani isa barbaaddani, isa ind'abdani, ammo yo isani isa lakiftani innileeni isani lakisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Azaariyaas mooticha Aasaa bira dhaqee «Aasaa mooticha! na dhagayi! isinillee banii Yihuuda'aatii fi banii Biiniyaamii na dhagayaa'a! isin yoo Rabbiin woliin jiraattan Rabbillee isin woliin jiraata; yoo isa barbaaddan isa argattan; yoo isa dhiiftan garuu innillee isin dhiisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Azaariyaan gara Aasaa mootichaa dhaqee, «Aasaa, isinille namooti Yihuda'aatii fi namooti Beniyaaminii marti na dhage'a'a! Yoo isin Mootii Waan Maraa woliin jiraattane, innille isin woliin hin jiraata. Yoo isa barbaaddane, innille isiniif hin dhaggama; yoo isa lakkittane ammoo, innille isin hin lakkisa.