2 Chronicles 15:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Asani waan Azariani, ilmi odedi, fage d'agaye jennaani garaa jabaate. Inni Waaqa d'ara, ka harkaani mid'aasani, lafa Yudatifi ta Benjamini keesati kad'atanifi Waaqa d'ibi, dira inni boojie, ka lafa Efraimu ta gaareenile ch'ufa, balleese. Ammalle inni waan sorio irati baasani, ka d'aatu Mana Waaqa, ka qara ch'ach'abe, mid'aase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Aasaan dubbii kanaaf raaga raatticha Oodeedii ilma Azaariyaasii haga dhagaye hin jabaate; biyya Biiniyaamiitii fi biyya Yihuuda'aa maraa keessaa, qachoota ufii qabate ka Efreemii biyya gaaraa keessaallee waan jibbamaa maraa balleessee hulee ciinca'aa ka Rabbii ka mana Rabbii afoo jiru haarawoomse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Aasaan raaga ilmi Odeedii Azaariyaan raage akkuma dhage'een jajjabaate; inni waaqota dharaa diqachiisaa lafa Yihuda'aa maraa fi lafa Beniyaaminii mara keessaa, qachoota biyya koobitti'ii ta Efreem qabate keessaalle'ee balleesse; addee ciinca'aa ta soroo Galma Mootii Waan Maraa dura jirtulle haaresse.