2 Chronicles 15:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami hedduuni qara lafa Efraimutifi ta Manasetifi ta Simeoni keesaa bahe, lafa hayyu Asani fiduti d'ufe. Worri aka AABBO Waaqi isa woliini jiru arginaani iti d'ufe. Asani worra kanafi worra Yudatifi ka Benjaminile ch'ufa wolti yaame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Waandhi isaa akka isa woliin jiru haga argan banii Israa'elii keessaa namoonni isatti dhiyaatanii waan turaniif worra isatti dhufee isa woliin jiru ka biyya Yihuuda'aa, ka biyya Biiniyaamii, ka biyya Efreemii, ka biyya Minaase'eetii fi ka biyya Simoonii wolitti qabe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Waaqi Aasaa woliin akka jiru dhageettee, kolbaan bindillaan lafa Israa'elii mara keessaa gara isaa waan hiixxeef, inni namoota Yihuda'aa, namoota biyya Beniyaaminii, ka biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee, ka kutaa biyya Shimi'oon keessaa dhufane mara wolitti qabe.