2 Chronicles 16:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbini tunini aka male Asa dallansifte jennaani inni raaga suni fuud'e sansalatani hid'e. Duuba bara suni Asa garaani hammate, nama gari, naasu male, aka hama gaargalche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbiin inni dubbate mooticha Aasaa waan aarseef raatticha haada sibiilaatiin hidhee mana hidha'aatitti isa galche; hennaa san irraa jalqabee mootichi Aasaan banii keessaa namoota tokko tokko garaa itti jabaatee guddisee miidha'aa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni kun Aasaa waan aarsiteef, inni ka mudhii dhaggu san mana hidha'aatitti galchee, miila isaa jirma lama oddu'utti hiisise; bara san Aasaan akkasuma kolbaa ifii keessalle'ee namoota tokko tokko farrisiise.