2 Chronicles 18:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi ganni hedduuni dabre Yehoshefathini Ahabu, ka Samaria jiru, argu d'aqe. Inni artini bahe jennaani Ahabuni hooliyeefi looni heddu qale, isaafi jara isaa woliini d'ufe jila tolche. Duuba inni Yehoshefathi sosobe, aka inni goli isaa tahe dira Ramothi ka Gileadi woliini had'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woggaa hago'oon maayessa Iyyoosaafixi Aki'aabiin laalu'uuf gara qachaa Samaariya'aa dhaqe; Aki'aabi ulfinna Iyyoosaafixiitii fi worra isa woliin dhufaniif jedhee hoolota baay'e'ee fi loowwan baay'ee qalee nyaata isaanii qopheesse; Aki'aabi mooticha Iyyoosaafixiin akka inni qachaa Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtu dhaqee isa woliin duulu kadhateen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni woggoota diqqo'oon duuba Ahaab dubbisu'uuf gara qachaa Samaariya'aatitti yennaa gad bu'e, Ahaab loon heddu'uu fi hoolee hedduu isaa fi namoota isaatiif qalchiisee, akka inni qachaa Raamoot-Giili'aadii loluuf dhugeeffachiise.