2 Chronicles 18:31 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba worri Yehoshefathi arge jennaani hayyu Israeli sehani iti gorani isa had'ani. Ammo inni iyye jennaani AABBO Waaqi isa baase worra isa had'u jiru kaani iraa deebise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf bulchoonni loltoota gaarii fardaatiin lolanii hennaa Iyyoosaafixiin argan mootii Israa'eliiti jedhanii marsanii lolu'uuf ka'an; Iyyoosaafixi garuu iyyinaan Rabbi isa gargaaree loltoota san irraa deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajjooti garreettaa fardaan harkifamanuu sun, akkuma Yoshaafaax dhaggiteen, «Kun mootii Israa'elii ti» jedhane. Maarre isaan isa loliisaaf itti garagalane. Yoshaafaaxille qoonqoo ol qabatee iyyee, Mootiin Waan Maraalle isa qarqaare; Waaqi jara san irraa deebise.