2 Chronicles 18:33 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo askartichi Shamu toko akanumati t'iya darbe, hayyu Israeli fulla miha isaa ka lola woltiini ejuuni woraane. Jennaani hayyichi waan nama gaari isaa oofuni jed'e, Anini ya madae, had'iisa ira nu deebisi!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu loltuu biyya Sooriya'aa tokko ebo'oon darbatee kalee isaa kolba inni hidhaana hidhatuun woraane mootichi namicha gaarii fardaa oofuun «Ani woraannamee madaayeera kanaafuu gaarii fardaa uf irra deebisii hulee lolaa kanaa bayi!» jedhee isa ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan keessaa namichi tokko duuchi-balleessii daaya ifii darbatee, uffana sibiilaa ka mootichi Ahaab uffateeru wodhakka'aan woraane; mootichi Ahaab nama garreettaa fardaan harkifamu oofuun, «Ani waan madoweef, garreettaa fardaan harkifamu gara duuba deebisiitii addee lolaa tana keessaa na fuudhii deemi!» jedhee ajaje