2 Chronicles 18:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ahabuni waan jed'eeni, Ee, toko d'ibiti jira, ka Mikaya ilma, Imla jed'ani, ammo anini isa injiba; wonti akanatiifi inni waan hamtu male waan dansa naa infagu. Yehoshefathini waan jed'e, akasi injed'ini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin Isaa'elii Iyyoosaafixiin «Namni waan Rabbi jedhe nutti himu tokko as jira; garuu inni hennaa maraa waan hamaa malee waan mishaa waan natti dubbatee hin beenneef ani isa hin jaaladhu innillee ilma Yimi'a'aa Mikkiyaas» jedhee deebiseef. Iyyoosaafixi mootichaan « Kana jechuu si hin barbaachisu!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Israa'eliille Yoshaafaaxiin, «Nami nuuti karaa isaatiin Mootii Waan Maraa gaafatuu dandeennu ka dhibiin tokkolle hin jira; garuu inni marroo tiyya yennaa mara ijjumaa waan hantuu malee, waan dansaa raaga waan hin dubbanneef, ani isa hin jibba; innille ilma Iimla'aa Miikiyaas» jedhee Yoshaafaaxiif deebise. Yoshaafaaxille, «Ee mooticha! Ati dubbii akkasii hin dubbatin!» jedhe.