2 Chronicles 19:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja nami dira keesani toko dubbi nama woli ijeesefa isanitini d'ufe yokhaani dubbi seerafi aada ch'absiitifa isanitini d'ufe, nama suni aka dansaa gorsa, aka hojja dubbi isaa qorani inni wollaale AABBO Waaqa durati ch'ubbu inseene. Yo akasi tahu baatani dallansuuni AABBO Waaqaa isanifi gosa teesani inqabatti. Ammo yo huji teesani guutani, wollaala inseentani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra keessan ka qachoota keessa jiraatan keessaa yaada qabatee gara keessan yoo dhufe, waan nama ajjeecha'aatiif yookaan waan seera biraatiif seera tuma namni tumatuu fi ajaja diiguullee yoo ta'e akka Rabbiin hin yakkineef isinii fi obboleewwan keessan irratti lolli Rabbii akka hin dhufne isaan uf eeggachiisaa'a, yoo waan kana gootan isin yakkamtoota hin taatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan teessan worra qachaa keessa le'u keessaa haajaa marroo dhiiga dhangalaasiisaa, marroo seera yookiin ajaja diigiisaa, marroo seerata yookiin qajeelfama diigiisaa yennaa isinitti dhikeeffatanu mara akka isaan Mootii Waan Maraa duratti hin yakkine, isaan ifi eeggachiisa'a; yoo akkas hin te'in mufiin isinii fi obboleeyyan teessan irratti hin dhutti. Isin yoo tana gootane yakkaameyyii hin teetanu.