2 Chronicles 19:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami dubbi aada AABBO Waaqa muru qaallicha gudda Amaria jed'ani. Ammalle Zebadiani, ilmi Ishmaeli, ka gudda Yuda, dubbi gara hayyu ch'ufa isati mura. Worri Lawi isani jala hojate isanii ergata. Garaa jabaad'a, dubbi tana guuta, AABBO Waaqi nama d'uga gula deemu ha qajeelchu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan waan Rabbiitiif ta'u maraa bulchaa gadootaa maraa keessaa Amaariyaa, waan mootichaa maraaf garuu bulchaa gosa Yihuuda'aa keessaa Zibaadiyaa ilma Yisimaa'elii isin irratti moosiseera; worri Leewwotaallee isin bulchan isin waan kana maraa jabaadha'aa hojjadhaa'a! Rabbi worra waan mishaa hojjatu woliin haa ta'u!» jedhee seera isaaniif kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo, waan Mootii Waan Maraa duudii ilaalchisee Amaariyaan hayyichi sooressi, waan mootichaa mara ilaalchisee ilmi Ishimaa'elii Zabaadiyaan, sooressi gosa Yihuda'aa isin irratti abbootii mura'aa te'aneeran. Worri Lewwootaalle sooreyyii te'anee isin tajaajilan. Mootiin Waan Maraa worra waan dansaa hujatu woliin jiraatii, jajjabaadha'aatii huja'a» jedhe.