2 Chronicles 19:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani raagi toko, ka Yehu ilma Hanani jed'ani, gara hayyu d'aqe waan jed'eeni, Atini nama, nama ch'ubbicha qarqaare, nama AABBO Waaqi jibbe jaalatu waan inni waan dansa tolche seeta? Waan atini akasi tateefi, dallansuuni AABBO Waaqa ya si qabate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyuun ilmi Aanaanii raattichi mooticha Iyyoosaafixiin «Ati worra hamaa hojjatuu fi worra Rabbiin jibbu woliin wol ta'uun kee mishaa sitti fakkaataa? Wonti hamaan ati goote kun akka Rabbi siin lolu si taasiseera;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilmi Haanaanii Yehuun ka mudhii dhaggu Yoshaafaax fudhatiisaaf gad bayee, Yoshaafaaxii mootichaan, «Ati maaniif nama hamaa qarqaarte? Maaniif nama Mootii Waan Maraa jibbu jaalatte? Sababa kanaaf mufiin Mootii Waan Maraa sitti hin dhutti.