2 Chronicles 2:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haati isaa gosa Daniti, ammo abbaani isaa nama Tiroti. Inni worqifi qarsifi sibiila diimafi sibiila guraachafi d'akhaafi mukha iraa wo mid'aasu beekha. Ammalle inni woya bulefi bule diimtufi diimtufi booftaleeni wo mid'aasu beekha. Inni waan heddu barreesu beekha, ammalle yo, waan akana kana na barreesi jed'ani iti kennani, guddo mid'aasu beekha. Inni ka hogeeyi tanteetifi hogeeyi duri abba kanke Daudi hojatte woliini hojattu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haati isaa nama gosa Daaniiti; abbaan isaa nama biyya Xiroosiiti; inni birri'ii fi worqii, sibiila diima'aa fi sibiila, dhaga'aa fi mukallee, uffata diimaa dhiilge'ee fi uffata bulee, uffata mishaa gad diratanillee hojjachu'uu fi waan gara garaallee midhaassuu hin danda'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haati isaa dubartii sanyii Daanii ti; abbaan isaa nama biyya Xiiroosii ti. Inni hujii worqi'iitii fi meeti'ii, hujii sageettu'uutii fi sibiilaa, hujii dhaka'aatii fi mukaa, akkasuma woyaa bifa cuquliisaa, woyaa dhiille'ee fi diintuu quncee talba'aa irraa hujiisa beeka. Inni waan akka hujuuf gaafatame mara dhaka'aa fi muka irratti qiriixuu hin dande'a. Inni namoota keeti ka hujii harkaa hujuu beekanuu fi namoota goottaa kiyya, abbaa keeti Daawitii woliin hujuu hin dande'a.