2 Chronicles 2:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Solomonini nama gosa Israeli intahini, ka lafa Israeli keesa jiru, hede, akuma duri abbaani isaa Daudini nama hede kaani. Henni worra suni nama kuma d'iba tokotifi shantami saditifi d'ibba jaa tahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Solomoon akkuma abbaan isaa Daawiti worra biyya Israa'eliititti galanii jiraatan laakkaye innillee laakkayee namoota kuma dhibba tokkoo fi shantamii sadihii fi dhibba jaha ta'uu hubate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Solomoon akkuma abbaan isaa Daawiti dur laakkossiise, namoota alagaa biyya isaa keessa jiranu mara laakkossiise; namooti sunille kuma dhibba tokkoo fi kuma shantamii sadii fi dhibba jaa.