2 Chronicles 2:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini Mana AABBO Waaqa kiyya keesati kad'atani jaara. Mana qulqullo suni keesa anaafi gochiti tiyya isa kad'anne, hit'aana urgaa aarsine, qit'a qulqullo guyya ch'ufa baamneefi, ammalle diiramafi galgala ch'ufafi guyya Sabatotifi guyya baatitifi guyya jila ch'ufa hori gumne sorio baamna. Duuba akasiini AABBO Waaqa keenna guddimna. Waan kana inni ya, haga jiru jireenna tolfad'a Israeliini jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani amma maqaa Rabbii Waaqa kiyyaaf mana woyyuu ijaaru'uuf qophaaya'aara; manni woyyuun kun ka anii fi baniin kiyya hixaana urgaayaa mishaa itti dhiyeessinu, ka xoroshoo woyyoome itti dhiyeessinu guyyaa maraa halkanii fi guyyaa akkasuma Sambata maraa ayyaana jalqaba ji'aatii fi ayyaana biraallee hulee woyyuu Rabbii Waaqa keenna ulfeeffachu'uuf ciincaa ciincawu itti dhiyeessinu ta'a; baniin Israa'elii waan kana baraa haga bara baraa akka raawwatu ajajeera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqa kiyyaa ka hixaanni foolee dansa'aa keessatti aarfamu, ka daabboon Waaqaaf woyyoontu yennaa mara keessatti isa dura keyantu, galgalaa fi ganama kennansi gubamu itti dhikeeffamu, guyyaa Sanbataatii fi baatii ji'aatitti, yennaa jila Mootii Waan Maraa ta beekkanteetitti waan kana keessatti dhikeessanu, ijaariisaaf murteeffadheera. Kun kolbaa Israa'eliitiif seerata haga bara baraa ti.