2 Chronicles 20:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lubbuuni AABBO Waaqa namicha gosa Lawi toko, ka gumi keesa eju, ira buute. Maqaani isaa Yahazieli, ilma Zekaria, ka ilma Benaiya, ka ilma Yeieli, ka ilma Matania; inni nama balbala gosa Asafu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Hafuurri Rabbii nama Leewwi'ii tokko ka banii keessa jiru irratti bu'e; namichi Leewwi'ii kun ilma Zakkaariyaasii Yizihi'eel jedhamuuti. Inni karaa Maataanaya'aatiin gosa Yi'eeliitii fi karaa Banaaya'aatiin garuu gosa Asaafiiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafas Ayyaanni Mootii Waan Maraa wolde'a gumi'ii san oddu'utti sanyii Lewwi'ii keessaa ilma Zakaariyaasii Yahaazi'elitti dhufe; Zakaariyaas ilma Benaayaa ti; Benaayaan ilma Yaa'iilii ti; Yaa'iil ilma Mataaniyaa sanyii Asaafii ti.