2 Chronicles 20:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qonqo Yehoshefathiti ergani waan jed'aniini: Duula muumme inqamne, ka worra Edomuti, galaana Sooda gama suni had'iisa keeti d'ufu jira. Worri suni dira Hasason-Tamari ya had'e dabsate. (Dira suni maqaani isaa d'ibiini Engedi.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni oduu odeessan dhufanii Iyyoosaafixiin «Galaana gama biyya Eedoomiitii loltoonni jajjaboonni baay'een dhufanii Haseboonii Taamaarii ta Ayingaad jedhamtu keessa jiran» jedhanii itti himan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jarri takka gara Yoshaafaaxii dhufanee, «Loltooti guddoon bindillaan Edoom irraa, abbaaya'aan gamaa si loliisaaf dhufiisatti jiran; kunoo, isaan amma Haazezon-Taamaar ta ‹En-Gedii› jedhantu geyaneeran» jedhane.