2 Chronicles 20:37 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Eliezerini, ilmi Dodarahu, ka dira Morisha, waan Yehoshefathini jed'e, Waan atini goli Ahazia tateefi, waan atini jaarte kana AABBO Waaqi imballeesa. Duuba hobolooni sunini ch'ach'abt'e deemu dad'abdi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
El'eezer ilmi Doodaya'aa ka biyya Mariisa'aa «Ati waan Akaaziyaasiin wolii galteef Rabbi hujii kee diigeera» jedhee Iyyoosaafixitti haga dubbate markaboonni sunniinillee caccabanii gara Tarseesii deemuu dadhaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ilmi Dodaawaa Elii'ezer nami qachaa Maareshaa, «Ati Ahaaziyaa woliin waan wolii galteef, Mootiin Waan Maraa waan ati hujje kana hin balleessa» jedhee Yoshaafaax irratti raaga dubbate. Hobolooti sunille caccabanee, gara biyya Tarshiishii dhaquu dadhabane.