2 Chronicles 21:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abbaani worra worqifi qarsifi waan dadansa d'ibile guddise worraa kenne. Ammalle inni ilmaani suni tamu dira jabeesani jaarani ka lafa Yuda suniti galche mata iti tolche. Maro Yehoramuni angafa taheefi, Yehoshefathini fulla ufi hayyu isa tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan isaanii ijoollee ufiitiif kennaa hedduu birri'ii fi worqii, mi'a gatiin isaa gudda'aatii fi qachoota biyya Yihuuda'aa keessatti ijaaramte isaanii kenne; baallii ufii garuu Iyyooraam ilma isaa ka hangafaa waan ta'eef Iyyooraamii kenne;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbaan isaanii tokko tokkoo isaaniitiif kennansa bacaa worqii, meetii, meya gatii guddo'ootii fi qachoota Yihuda'aa keessaa ka dalleya dhaka'aa qabulle isaaniif kenne; Yohoraam angafa waan te'eef ammoo mootummaa isaaf kenne.