2 Chronicles 22:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Arafti toko d'ufe, ilmaani Yehoramu, gurba maand'icha Ahazia jed'ani male, ch'ufa fit'e. Tanaafi worri Yerusalemu fulla abba isaa hayyu tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Yerusaalemiin keessa jiraatan Akaaziyaasii mucaa maandha'aa bikka Iyyooraamii moosisan; worri biyya Arabaatii fi worri isaan woliin jiran hangafoota isaa waan fixanii turaniif Akaaziyaasii ilma Iyyooraamii moosisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri saantotaa ka worra Arabaa woliin dhufane, ilmaan Yohoraamii mootichaa angafoota mara waan fixaneef, kolbaan Yerusaalemii ilma Yohoraamii maandhicha Ahaaziyaa addee abbaa isaatitti mootii godhane; tanaaf Ahaaziyaan ilmi Yohoraamii mootichaa, mootii Yihuda'aa te'e.