2 Chronicles 22:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ahaziani oboleeti toko qaba, ta Yehosheba jed'ani, ta qaallichi Yehoyada jed'ani fuud'e. Isiini d'ossani Yoashi, ilma Ahazia, oboleyaani isaa ta fit'u fed'ani taani keesaa fuute, isaafi intala qabdu isaa d'iibu keesati d'ossite. Akanaani isiini isa harka Atalia jalaa baafte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoosaabeeti mucattiin mootichaa garuu ijoollee mooticha Akaaziyaasii keessaa Iyyoo'aasiin fuutee dhossite; isaa fi ta isa guddiftullee golatti dhossite; akka kanatti isiin Iyyoo'aasiin dhossitee Gotoliyaa harkatti akka hin duune goote.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Intalti Yehoraamii mootichaa Yoshebaan ammoo ilmaan moototaa ka ijjeefamaaranu keessaa ilma Ahaaziya'aa Yo'aas hattee fudhattee, ta isa guddittu woliin kolloo taqe'ee takka keessatti dhossite; intalti Yoraamii Yoshebaan niitiin Yehoyaadaa hayyichaa obboleettii Ahaaziya'aa waan teeteef, Ataaliyaan akka hin ijjeenneef, Yo'aas dhossite.