2 Chronicles 22:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama Ahazia barbaadule ergani, ato inni dira Samaria keesati d'okhachu jiru, isa argani, fuud'ani, Yehutini d'ufani ijeesani. Maro akhaakhu isaa Yehoshefathi ka garaa tokooni AABBO Waaqa hojateefi, isaa awaalani. Nami worra Ahazia, ka dandae lafa mohatu, inhamne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akaaziyaasiinillee soqanii Samaariyaa keessatti isa arganii Iyyuu bira fidanii isa ajjeesan; akaakayyuun isaa garuu Iyyoosaafixi qajeellumma'aan waan Rabbiif hojjata'aa tureef kabajjaa isaatiif jedhanii reeffa isaa awwaalan; fiixaa Akaaziyaasii keessaa namni mootii ta'u tokkollee hin hafne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni Ahaaziyaa barbaachisee, inni Samaariyaa keessatti dhokateeruun dhagganee qabanee, gara Yehu'uu fidanee ijjeesane; isaan, «Inni akaakoo Yoshaafaaxii ka gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraa tajaajilee ti» jedhanee awwaalane; eega san sanyii Ahaaziya'aa keessaa nami mootummaa qabatuu dande'u dhabame.