2 Chronicles 23:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani biyyiti ch'ufti mana Baali d'at'e ch'ach'absite. Worri fulla sorio irati baasanifi waan boch'ani kad'atanile ch'ufa ch'ach'abse balleese. Qaallicha Baali, ka Mataani jed'anile, fulla sorio irati baasani durati ijeesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa baniin maruu gara mana waaqa tolfamaa Ba'aalii dhaqanii diiganii hulee ciinca'aatii fi fakii maraa bulleessan; Maataanii gadicha waaqa tolfamaa Ba'aalii hulee ciinca'aa afo'otti ajjeesan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba kolbaan marti gara galma Ba'aalii dhaxxee, galma Ba'aalii san diiddee, addee ciinca'aatii fi fakkii waaqota dharaa ta achi jirtu caccassitee, hayyicha Ba'aalii Maataanille addee ciinca'aa san duratti ijjeette.