2 Chronicles 23:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yehoiyadani qaaloleefi worra Lawi huji Mana Waaqa harka worraa kenne. Hujiini worraa, aka huji Daudini duri worraa kenne guutani, Seera Musa gula sorio gubani AABBO Waaqaa baasani, ammalle huji sirbatifi ta jila mata iti tahani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoodaaheen akkuma seera Muuse'ee irratti barreeffame akka ajaja Daawitiititti gammachu'uu fi faaruu faarfata'aa ciincaa ciincawu Rabbiif akka dhiyeessaniif worra gadootaatii fi worra Leewwotaa ka Daawiti mana woyyuu Rabbii keessa qooda huji'ii isaanii kenne hujii mana woyyu'uu irratti isaan muude.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyooti sanyii Lewwi'ii akkuma seera Muuse'ee keessatti barreeffante gammadaa fi faaru'uun kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanu, Daawitiin mootichi akkuma ajaje, Yoyaadaalle hujii Galma Waaqaatitti, hayyootaa fi Lewwoota itti gaafatantoota godhe.