2 Chronicles 23:20 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri askartiti matatifi worri gugurda diratifi jaaroleefi nami ch'ufti Yehoiyada woliini yaani, hayyu Mana Waaqati fuud'ani, mana hayyu geesani. Fullo guddooni olduudani hayyule barch'uma isaa ka hayyu ira teesisani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajoota loltoota dhibbaa, manguddoota biyyaa ka ulfinna qaban, bulchoota bani'iitii fi banii biyya maraa Yoodaahee woliin mana woyyu'uu jalqabee haga mana mootumma'aatitti mooticha marsanii woliin deemanii seensa balbala guddaa ol aanu ka mana mootumma'aatiin seenan; mootichi garuu teessoo mootummaa ufii irra taa'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajjoota dhibbaa, qondaaltota, bulchitoota kolba'aatii fi kolbaa lafa sanii mara woliin mooticha Galma Mootii Waan Maraa keessaa gad baasanee gara mana mootumma'aa fidaneen duuba, karaa karra gara gubba'aatiin seenanee, mooticha barcumaa mootumma'aa irra teessisane.