2 Chronicles 23:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri ch'ufti Mana Waaqa keesati wolti bahe, achiti Yoashi ilma hayyu woliini, wold'aqisa tolfatani. Yehoiyadani waan worraani jed'e, Ilmi hayyu kuno kana, laala! Inni amma ha hayyu tahuti, akuma AABBO Waaqi duri hayyuma ilmaani Dauditi d'aamate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gumiin maruu mana woyyuu Rabbii keessatti mooticha woliin waadaa galan; gadichi Yoodaaheen bani'iin «Rabbi akkuma waan ijoollee Daawitii dubbatetti ilmi mootichaa hin mooya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gumiin marti Galma Waaqaa keessatti mooticha woliin wol gondoorane. Achiin duuba Yeyaadaan hayyichi, isaaniin, «Akkuma Mootiin Waan Maraa sanyii Daawitiitiif waadaa gale, kunoo ilmi mootichaa mootii hin te'a.