2 Chronicles 24:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba guyya ch'ufa worri Lawi sanduqa suni fuud'e nama hayyuuni fohate, ka huji suni harkaa qabuti, kennani. Hojja sanduqa suni guutani ch'ufa, namicha tatabe hayyu t'aafufi namichi qaallichi guddaani fohateleni beese suni sanduqa keesaa fuud'ani, sanduqale fulla qarati deebisani. Duuba akanaani beese guddo wolti guurani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Leewwotaa saanduuqa san qabatanii hojjattoota mootumma'aa bira hennaa geessan gadichi ol'aanaan mootichaatii fi ka mootichaa waa barreessu akka saanduuqa keessa birriin guute haga argan dhufanii birrii san saanduuqa keessaa baasanii saanduuqa san hulematti deebisa'aa turan; akkasuma guyya guyya'aan saanduuqa keessaa birrii hedduu baasa'aa hulee tokkotti birrii hedduu wolitti qaba'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Lewwooti saanduqa san gara qondaaltota mootichaa worra itti gaafatantoota beese'ee yennaa geessanu, isaan akka beeseen guutteertu yennaa dhagganu, barreessaan mootichaatii fi sooressi hayyootaa dhufanee beesee keessaa baasanee saanduqa adde'etti deebisan; guyyuma guyya'aan akkana adoo godhanuu beesee bacaa guurane.