2 Chronicles 24:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Huji suni hobaasani jennaani beese ira hafte hayyufi Yehoiyadati deebisani, worri worqifi qarsi sunini qorifi miha mana Waaqa keesani hojatani ch'ufa mid'aase. Haga Yehoiyadani jiru ch'ufa sorio akuma dansa guyya ch'ufa Mana AABBO Waaqa keesati baasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa hujii hojjatanii fixan birrii hafe fuudhanii mooticha Iyyoo'aasii fi gadicha Yoodaahe'etti kennan; isaanillee birrii kana fuudhanii meeshaa mana Rabbii, meeshaa hujii mana woyyu'uutii fi meeshaa ciincaan adda addaa itti dhiyaatu, saanii hedduu fi meeshaa gara garaa ka biraa ittiin bitan; bara Yoodaaheen lubbu'uun jiru maraa hennaa maraa mana Woyyuu keessatti ciincaan dhiyaata'aa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hujii haaressiisaa fixaneen duuba beesee irraa hatte fidanee mootichaa fi Yoyaada'atti kennane; isaan meya Galma Waaqaa keessa ittiin tajaajilanu, meya ciincaa itti dhikeessanu, qorii boollittii, meya worqi'ii fi meetii irraa hujamu ka adda addaa hujisiisane; haga Yoyaadaan lubbu'uun jiru mara Galma Mootii Waan Maraa keessatti ciincaan yennaa mara dhikeeffamaa ture.