2 Chronicles 24:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba biyyiti Mana AABBO, Waaqa ababoota isaani, lakifte, Waaqa harkaani mid'aasanifi akheekha Ashera jed'ani kad'atte. Maro wollaala worra kanatifi dallansuuni AABBO Waaqa worra Yudatifi ka Yerusalemu ira buute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan Rabbii Waaqa abboota ufii dhiisanii waaqa tolfama'aa fi mukkiin waandhi tolfamaan itti waaqeffamullee waaqeffatana; yakka isaan hojjatan kanaaf Rabbi banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatiin lole.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaanille Galma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii lakkisanee, utubaa fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu tajaajilane; yakkaa isaanii tanaaf mufiin Waaqaa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii irratti dhutte.