2 Chronicles 24:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani lubbuuni Waaqa Zekaria ilma qaallicha Yehoiyada ira buute, inni fulla biyyiti isa agartu eje waan worraani jed'e, Waaqi waan jed'u, Isani maanifi seera AABBO Waaqa ch'absitani ufi balleesitani? Waan isani isa lakiftanifi innileeni ya isani lakise!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Hafuurri Rabbii Zakkaariyaasii ilma Yoodaahee gadichaa irratti bu'e; inni banii afoo dhaabatee «Rabbi ajaja kiyya maaf diiddan? maaf badii ufitti fiddan?› jedhee isin gaafata; eeganaa isin waan isa dhiiftaniif innillee isin dhiiseera» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Ayyaanni Waaqaa gara Zakaariyaasii ilma Yoyaadaa hayyichaa dhufee, inni lafa tullittii irra kolbaa dura dhaabbatee, «Waaqi, ‹Isin maaniif ajaja Mootii Waan Maraa irra dabartan? Isiniif hin milkoottu; isin Mootii Waan Maraa waan lakkittaneef innille isin lakkiseera› jedha» jedhe.