2 Chronicles 24:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni qaaloleefi worra Lawi wolti yaame waan jed'eeni, dira Yuda keesa yaa, biyya ch'ufa iraa beese guura, aka ganna ch'ufa Mana Waaqa fulla hammateni mid'aasani. Huji tana hurrisa tolcha. Ammo worri Lawi huji suniti injabaanne,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf inni worra gadootaatii fi worra Leewwotaa wolitti qabee «Gara qachoota biyya Yihuuda'aa maraa dhaqa'aa birrii mana Rabbii Waaqa keennaa wogga wogga'aan ittiin haarawoomsinuun wolitti qabaa'a» jedhee isaan ajaje; worri Leewwotaa garuu waan kana lash jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni hayyootaa fi Lewwoota wolitti qabee, isaaniin, «Gara qachaa biyya Yihuda'aa mara dhaqa'aatii, wogguma wogga'aan Galma Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii akka ittiin haareffamuuf, kolbaa Israa'elii mara irraa beesee guura'a! Kana ammuma dafa'aa godha'a» jedhe; Lewwooti ammoo waan inni jedhe kana dafanee hin goone.