2 Chronicles 25:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo askartini Amaziani galche taani, ta inni duula ufi gula yau d'owe taani, dira Yuda haga Samaria iti keeyate Beth-Horoniti d'aabde haate. Nama kuma sadi fitt'e waan heddu saamte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu isaan lola kana irra jiran worri Israa'elii ka inni akka isaan isa faanaa lolaaf hin deemne dhoogge qachaa Yihuuda'aa, Saamariya'aa haga Beetihooriititti lolanii nama kuma sadihii ajjeesanii boojuu baay'ee booji'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Loltooti Amaasiyaan akka isa woliin hin duulle ifi biraa deebise, qachoota Yihuda'aa Samaariya'aa kaasanee haga Bet-Horooniititti lolanee, namoota kuma sad ijjeesanee meya bacaa booji'ane.