2 Chronicles 25:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato raagi tae dubbi suni dubbatu, hayyichi waan jed'eeni, Nu nama hayyu mala d'au yoomi si fohanne? Afaani qabad'i, yo duu infeene! Jennaani raagi kaani diqo afaani qabate, ammo duuba eege waan jed'e, Anini imbeekha, aka Waaqi si ijeesu fed'u, waan atini waan kana ch'ufa tate gorsa kiyyale ch'aqasu diddeefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu inni waan kana dubbata'aaru mootichi Ameesiyaas «Ati akka gorsaa mooti'ii taatu yoom si muunne? kanaafuu dubbii jettu kana dhiisi yoo dhiisuu didde si ajjeesa!» jedheen; namni Rabbiillee, «Ati waan kana gootee gorsa kiyyallee waan hin dhageenneef ani akka Rabbi si balleessu'uuf murteesse beekeera» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo inni dubbatiisatti jiruu, Amaasiyaan mootichi isaan, «Nuuti gorsaa mootichaa si godhanneerraa? Cadhisi! Ati maaf du'a feeta?» jedhe. Raagichille cadhise; te'uu malee, «Ati tana hujjee, gorsa kiyya dhage'uu waan diddeef, Waaqi si balleessiisaaf akka murteesse ani hin beeka» jedhe.