2 Chronicles 25:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni worqifi qarsi ch'ufa guurate, ammalle miha Mana Waaqa ka worri d'aloota Obed-Edomu qorqoratufi ka mana hayyule ch'ufa guurate, namale boojie, dira Samariatini galate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Birri'ii fi worqii mana woyyuu keessa jiru, meesha'aa fi qabeenna mana woyyuu keessa jiruu fi qabeenna mana mootumma'aa keessa jiru ka fiixaan Oobeedi'eedoomii eega'aa turan maraa booji'ee qachaa Samaariya'aatitti gale.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni worqi'ii fi meetii mara, meya Galma Mootii Waan Maraa keessa jiru ka Obed-Edoom eegu maraa fi karra mana mootumma'aa keessa jirtu, namoota booji'amanelle qabatee, gara qachaa Samaariya'aa deebi'e.