2 Chronicles 25:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo tatule ijoolle worraa inhobaamne, akuma AABBO Waaqi, Seera Musa keesati, biyyati hime: Wollaala ijoolleeti jed'ani abba inijeesani, ka abbaale jed'ani ijoolle inijeesani; nama wollaaluma inni tolche ch'allaani ijeesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma kitaaba seera Muuse'ee keessatti barreeffame Rabbi «Namni maruu cubbuu hojjateef haa du'uu malee abbootiin bikka ijoolle'ee hin du'in; ijoolleenillee bikka abboota ufii hin du'in» jedhee ajajetti ijoollee worra abboota isaa ajjeesanii hin ajjeefne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee kitaaba seera Muuse'ee keessatti, Mootiin Waan Maraa, «Nami martinuu cubbuu ifiitiif ijjeefamuu malee, abbootiin cubbuu ijoolle'eetiif, ijoolleen cubbuu abbooti'iitiif hin ijjeefamin» jedhee akkuma ajaje, ilmaan worra abbaa isaa ijjeese sanii hin ijjeenne.