2 Chronicles 25:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Amaziani worra d'iira ka Yudatifi ka Benjamini wolti baase, balbala balbalaani, nama kuma kumafi d'ibba d'ibbaani qoode, askarti sunile jara gugurda mataa iti tolche. Jari huji tana fohatani nama ganna diddamati oli, ka ch'ufti wolti nama kuma d'ibba sadi. Jari kunini ch'ufti nama filani, ka huji woraana guutu ka ammalle wonteefi woraanani wo had'u beekhu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Ameesiyaas dhiira gosa Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamii keessa jiran akkaatama gosa isaaniitiin gare gare'een bulchoota ajajoota loltoota kumaatii fi loltoota ajajoota dhibbaa jalatti isaan ramade; worra ramadaman san keessa dhiirri umurii diddamaatii fi ka achii olii baay'inni isaanii namoota kuma dhibba sadihiiti; isaan worra lolaaf qophaayan wonte'ee fi woraanallee baadhatanii loluu danda'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amaasiyaan kolbaa Yihuda'aa wolitti qabee, akka maatii maatii isaaniititti gosa Yihuda'aatii fi gosa Beniyaaminiitiif ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa file; achiin duuba worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaan ol te'ane wolitti qabee, worra wonte'ee fi woraana qabatanee lola dhaquu dande'anu nama kuma dhibba sad dhaggate.