2 Chronicles 26:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
isa d'owani waan jed'aniini, Uzia, aki atini AABBO Waaqaa hit'aana aarsitu diqole fullaniti. Nami hit'aana aarsu ilmaani Haruni ch'alla, ta eebisani huji tana iti kennani. Fulla qulqullo tana keesaa bahi. Atini ya AABBO Waaqati wollaalte, amma deebite eeba isaa inargattu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee mooticha Ooziyaa morma'aa «Ooziyaa'a! worri hixaana aarsu gadoota ijoollee Aaroonii ta muudamte malee ati hixaana aarsuun si hin barbaachisu; yakkiteertaa mana woyyuu keessaa bayi wonti kun Rabbii Waaqa kee biraa ulfinna sii hin ta'u» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan Uziyaa mootichaan, «Ee Uziya'a! Hayyoota worra sanyii Aaroniitii fi worra hujii tanaaf adda bayane qofatti hixaana Mootii Waan Maraatiif aarsan malee, ati aarsiisaaf hin malle; ati Mootii Waan Maraa Waaqa waan yakkiteef, isa irraa ulfinna hin dhaggattu; Galma keessaa bayi» jedhane.