2 Chronicles 26:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Uziani hojja suni Mana Waaqa keesa, fulla hit'aani iti aarsani, waan hit'aanaani aarsani harkati qabate eja. Inni qaaloleeti dallane jennaani hojuma suni d'ukubi hamani aka qomaat'a addaani bahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ooziyaan hixaana aarsu'uuf qophaayee girgiraa hixaana irratti aarsan qabatee hulee ciincaa irratti dhiyeessan bira dhaabatee akkuma inni aaree dallaneen yoma san dhibeen gogaa kukkutu kallacha isaa irratti mudhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Uziyaan girgiraa harkatti qabatee, hixaana aarsiisaaf adoo jedhuu isaanitti aare; adoo inni isaanitti aariisatti jiruu Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee hixaana itti aarsanu biratti ila hayyoota sanii duratti dhukkubi goga'aa farrisiisaan adda isaa irratti baye.