2 Chronicles 26:20 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaallicha gudda Azaria jed'anifi qaaloleeni taani ch'ufti hayyu millate, d'ukuba hama aka qomaat'a adda isaa irati garte Mana Waaqa keesaa irreeni isa baafte. Innileeni akasuma hurrise bahu fed'a, wonti akanatiifi AABBO Waaqi ya d'ukuba hama isati buuse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Azaariyaas gadichi guddaanii fi worri gadootaa maruu hennaa isa laalan kallacha isaa irratti dhibee gogaa kukkutu arganii daddafanii mana woyyuu keessaa isa ari'an; Rabbi waan isa rakkiseef dafee achi keessaa baye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Azaariyaan sooressi hayyootaatii fi hayyooti dhibiin marti yennaa isa ilaalanu, dhukkuba goga'aa farrisiisaa adda isaa irratti dhagganee ariiti'iin gad isa baasane; Mootiin Waan Maraa waan isa adabeef, innille achi keessaa bayiisaaf ariifate.