2 Chronicles 27:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle inni hayyu Amonitifi duula isaa had'e dabsate, ganna sadi ch'ufa gibira iraa guurate: qarsi kilo kuma saditifi d'ibba afuri, dargaye kilo kuma maro kuma toko; garbule ta kilo kuma maro kuma toko.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootii Amooniitii fi loltoota isaatiin wol lolee mooyate; woggama san keessa ijoolleen Amoonii birrii saqilii dhibba tokkoo, qamadii qoroosii kuma kudhanii fi garbuu qoroosii kuma kudhanii akka isa gabbaran godhe; akkasuma ijoolleen Amoonii woggaa lammeesso'ootii fi woggaa sadeesso'ootittillee gibira isaanii kennan;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni mootii Amoonotaa lolee injifate; bara san worri Amoonotaa, meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afurii, qamadii kuntaala kuma tokko, garbuu kuntaala kuma tokko Yotaamiif gibira kennane; woggaa lammeesso'ootii fi sadeesso'oolle'etti, akkasuma gabbarane.